Ulfo Flag

Welcome to ULFO

Ulfo Flag

Tokkummaa Humnota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)

Gurraandhala 27, 2011

'Ilaalchuma rakkoo tokko uumeen rakkoma san furuu hin dandeenyu' Albert Einstein

Seenaa qabsoo addunyaa keeysatti, ummanni rakkate fincila kaasee mootummaa rakkiftuu ofirraa buqqisuun haarayallee tahuu baatu, duumeysi wallaansoo inni amma Kaabaa Afrikaa keessa marmaaru kun, qilleensa biyya teenyaa gubbaas maraati jira. Biyya Tunisia irraa eegalee, biyya Misraa, Libya, Sudaan fii Algeria dhawatee biyyoota Arabaa kanneen akka Yeman, Bahrain, Jordan, fii Soriyaan illeen osoo hin hafin hunda rooraasaati jira.

Kanneen mirga namoomaa sarbanii irreen bulchanii fii warreen cunqurfamanii saamaman jiddutti, qabsoon godhamuun waanuma jiru. Qabsoo haala kanaan taatu keeysatti warreen qophii gayaa qaban milkii guddoon galatu; kaaneen biraatiis hammuma taaytaa isaanii arkatu. Itti qophaawuu dhabaan kanneen hoongawanilleen akksumatti jiru. Jijjiirama dhufaa-dabraa mootummoota Impaayera Ethiopia keeysatti, qabsoo ummata Oromootiin bara dhibba tokkoof adeemsifameen bu’aalee hamma tokko buufannullee, galii qabsoo teenyaa, kan bilisummaa gahuu hanqachuun keenya ragaa nuuf taha.

Fincilli barana bubbisaa jiru kun mootummoota sirna abbaa-irree mara sodaachisaati jira. Ummata ukkaamamaa tureef ammoo carraa ija banuu kennuufiin isaa waan hin oolle. Biyyoonni naannoo bobayaan fincila qabsoo irraa deemaa jiruu fi kaneen milkiin galan gama hedduun wal fakkaatan. Cufti isaaniituu mootummoota irreen mirga namoomaa kan ummatootaa sarbee bulchu tahuudhaan wal fakkaatan. Aangawoonni mootummoota abbaa irree kuni hundi queenya biyyaa akka herreguun nama dhibutti saammatanii olkaayyachuudhaan walfakkaatu. Namoota yertuudhaatu ummata guddaarraa mirga namoomaa mulqee, cunqursee, hacuucee yeroo dheertuuf qonyeerra jiraatan. Osoo ummanni biyyaa kumaatamaan beelaa fii dhukkubaan waadamaa jiruu, warreen taaytaa mootummaa dhunfatan horii biyyaa ifii isaaniitii fii fira isaaniitiin waliin itti qanani’uu bira taranii, daangaan malee saamanii baankiilee dhoysaatti awwaallatu. Ummanni akka hin dubbanne humna qawweetiin ugguranii urmii dheereyfatu. Humnoota addunyaa keeysaahiis warreen dantaa saaminsaa waliin qaban tumsa godhatanii, maqaa ifii leellisaa turuun isaanii akka hundaan wal fakkaatu.

Qabsoo biyyoota Arabaa fi Afrikaa Kaabaa keessatti adeemaa jirtu tana, tan Impaayera Ethiopia tiin walmaddii qabnee xiinxaluun barbaachisaa dha. Akkuma beekkamu, ummatoonni Impaayera Ethiopia keessa jiraatan cufti yaroof humna shororkeeysituu woyyaanee jalatti irreen buluun wal-fakkaatu. Akkasumattillee, qabeenya isaanii Wayyaneen saamtee, ummatoonni biyya sanii hundi hiyyummaa hamtuu keeysa jiraachuudhaan walfakkaatan. Haa ta’u malee, hundeen rakkoo isaaniitis ta’e, fedhii fi galiin qabsoo isaanillee wal-dhaba. Furmaanni isaan akkeekkattan’lleen akkasuma gara-gara. Yaadni Imyaayerattii san keessatti calaqqisu hundeen isaa yaaduma lama. Yaadni tokko kan itti-fufiinsa jireenya imyaaperattii deeggaru yoo ta’u, yaadni lammaffaa ammoo, kan sirna impaayeraa barbadeeysee mirga Abbaa-biyyummaa ummatootaa mirkaneessuuf qabsaayuudha. Haala kana keessatti mooyxannoo qabsoon Oromoo keessa as-dabrite xiinxaluudhaan daandii adeemsa qabsoo ummata Oromoo milkeessu akeekuun dirqama taha.

Mooyxannoo Qabsoo baroota dabranii irraa waan baranne keeysaa guddoon, Habashootaaf tumsa taanee isaan ifirratti deebifnee utubuudhaatu nu mudate. Fakkeenyaaf, bara 1974, yeroo mootummaan sirna cubbamaa Hailasillaasee kufu, Oromoonni hedduun Impaayera Ethiopia keeysaan Oromoof bu’aa buufna jechuudhaan dagamanii, mootummaa habashaa tan dulloommtee caphaaf rooraatu Oromiyaa irratti haarayoomsan. Haala san keeysatti hedduun isaanii wareegama hamma lubbuu isaanii baasanillee, goobaan galuun hafee hoongawanii galuu mudatan.

Yeroon isaa dhufee gaafa sirni Darguu kufee, shorokeeysitoonni Woyyaanee aangoo Impaayaraa qabataniis, tumsuma keenyaan mootummaa isaanii Oromiyaa irratti jaarratan. Kana birallee dabree, lafarratti faana gad-jabeeffachuun isaanii Oromoota keeysaa gowwaa garii maxxanfataniiti, kunoo ar’a aangoorratti baroota diiydama lakkaawwataa jiran. Malaa fi gorsa alagaa irraa argatuu qofaan osoo hin taane, dogongora keenyatti fayyadamtee qabsaawoota Oromoo kanneen bu’ura qabsoo Oromoo habaqaalan hedduu galaaffatte. Kaaniis biyyarraa arihatuun qabeenya Oromiyaa irreen saamaa jirti.

Dogoggoruma keenyattis fayyadamuudhaan, dhaaba intaliishee maqaa Oromootiin maxxanfattee, akka gaangee yaabbattee, OPDO jettee moggaafattee, duuyda isaaniirratti lubbuu horuuf yaroo arkattee, addunyatti fakkeeysuun dhimma itti bahaa as geeyse. Oromoota dhaaba intalishee isiin uummatte keeysaahiis kanneen Wayyaanee keeysaan Oromoof bu’aa buufna jedhanii yaadanis ni jiran. Wayyaaneen intalishee isii if keeysattuu sabata dhoorkitee, tooftaan, ummata isaaniitiin gargar baaftee faayda-maleeyyi fi jibbamoo isaan taasiftee jirti. Haalli kun Oromoota bayyanoota qaban, kanneen malaan ummata isaanirraa roorroo hanqisuuf tattaafatan falmachuu dhoowwuu bira dabaree, bu’aa tokkollee buusuu isaan hanqise. Kanneen dhimmi Oromoo itti mul’atellee aangoo sobaaf badhaafte baatii-baatiin irraa mulquun tooftaa isii keeysaa tokko. Tooftaa akkasii kanaan, Oromoo wal-jibbisiiftee, dantaa ifii qofaaf intalishee uumatte hookkoo goodhattee Oromoo saamaa jirti.

Har’aan tana, qabeenyi Oromoo akkuma jirutti harka humna shororkeeysituu woyyaaneetiin dhuunfatamee, Oromoon biyya ofii irratti alagaa ta’ee jiraachaa jira. Albudaan biyya keenyaa kan woyyaaneen akka barbaaddetti saamtu hanqatee, Mallas dureeyyii baar-gamaa daboo waammatee lafa ummanni keenya jireenyaaf qabu alagaa biyyoota alaatti gurgurataa jira. Oomishni biyyi keenya qabu, bunaa fii midhaan akka salliixaa, jaarmaya gargaarsa Tigray (EFFORT) ja’amuun dhunfatamee, galiin isaa biyya Tigraay jaaraa jira. Galiin biyya teenyarraa saamamu kan doolaara bilyoonootaan lakkaawamu kan biraa, Mallasiifii warra isaatiif bankiilee addunyaa keeysatti ol kuusamee jira.

Akkanumaa waliin Oromoon jijjiirama dhufe hunda keeysatti wareegama qaqqaalii, kan qabeenyaa fii lubbuu gootota heeduu baaseen milkii hamma tokko arkatullee, iddoo isaan malte dhabuu qofa osoo hin tahin, sirna koloneeffataa Habashaa isa du’aaf dhidhiitatu lubbuu itti uumee urmii dheertuu kennuufiin daran hamaadha. Gaafa Hailasillaaseen kufe, Oromiyaa keeysaa lafti guddoon nafxanyootaa fii beta-Kihnat irraa fuudhamtee harka qotatee bulaa Oromootti deebi’uun kadhaanii miti. Kufaatiin mootumma Dargii qabsoo ummanni Oromoo walabummaa biyya isaatiif gara hundaan waraanaa turerraa akka tahe namuu irraahuu dhoysaa miti. Firiin qabsoo sanaa daangaa Oromiyaa hamma tokko mul’isee, afaan Oromoo kan saniin dura fokkuu qofa osoo hin tahin, ittiin barreeysuun yakka ture, dirretti afaan hujii taasifamuun dhoortoon, takkaahuu waani Wayyaneen nuuf laatte akka hin tahin beekkamuu qaba. Qabsoo hadhooytuu fii dhiiga ilmaan Oromiyaa kan akka galaanaatti dangala’eeni arkame.

Galiin kaayoo dhaabolee habashaa hundi dhimma Oromootti quba laataa jiraatuun alatti, mallattoo biroo tokkollee of-keessaa hin qabu. Amaaronnis mootummaa Tigreen irraa fudhatteef dallansuu jabaa keeysa jiraachuu isaanii ibsuun alatti, mirga ummata Oromoo kabajuu dhiisii, Oromoon “ani Oromoo dha” jedhee of-waamuunuu Toophiyaarratti yakka-yakka caalu hojjachuudhaa jedhanii iyyaa oolu. Oromoon Afaan ofiitiin barreessuu fi barachuun daangaa malee isaan dallansiisee “qubeen faranjoomuudha” jechuu daran, osoo isaaniif dandayamee, uumama Oromootuu akkuma ammaan duraatti waakkachuuf tattaafachaa jiru. Nafxanyoonni baranaa Keeyyata 39 kan woyyaaneen dantaa ifiitiif kaayyatte mataduree godhachuudhaan Oromoo irratti duulu. Sabqunnamtii isaanii hudarratti wanni dubbatamu Oromoon Alaabaa mataa isaa qabaatuun farra Ethiopia akka tahetti dhawwaaquu qofa.

Haa ta’u malee, habshoonni fincilli Oromoon keeysa hin jirre akka bakka hingeenye tolchanii waan beekaniif, Oromoo kortoo godhatanii aangoorratti bahuuf, Oromoo hawachuuf tattaafii godhuun isaanii waanuma baratameedha. Oromoodhaan karaa dabruuf tattaaffii godhaa jiru. Tattaaffii Oromoo hawachuuf godhan kanarraa kan hafe, haqa Oromoon biyya ofiirratti qabu amananii, dantaa Oromiyaa keessaa harka isaanii baasanii hin beekan.

Tanaafuu, Amaarota “qubeen faranjoomuudha” jedhan waliin hiriirree, mirga ummata Oromoo argamsiifna jechuun gaffa-zalam, harka daaraa hammaare tahuudha. Isaaniin waliin waliif tumsinee Oromiyaa walboomsina jechuun doofummaa fudhachuu bira dabree, faallaa dagaagina Oromummaa deemuudha taha. Injifannoo ummanni keenya qabsoo isaatiin hamma ammaa argateehuu qaxara cabsuu yoo ta’e malee, hiikkaa biroo qabaachuus hin dandayu.

Warreen itti-fufiinsa jireenya impaayera Ethiopia leellisan martuu, humna shororkeeysituu woyyaanee ofiif bakka bu’uudhaan sirna kiyyoo impaayerrattii itti fufuuf wixxifatu. Gama biraatiin ammoo, Ummaanni Oromiyaa tii fii ummatoonni sirna kiyyoo balfatan martuu, sirna kiyyoo impaayerrattii hundeen buqqisuudhaan, abbaa-biyya ofii tahuudhaaf qabsaayan. Biyya isaanii tan humnaan saamamte deebifatanii, bulchiinsa mootummaa alagaa jalaa bayuun biyya ofirratti ifiif of bulchuudhaaf qabsaayan. Kanaafuu, warreen mirga ummatootaa sarbanii jireenya impaayerattii itti fufuuf dhaabbatan martuu, faallaa mirga ummatootaa waan deemaniif "akka ummata Tunisia fii Misraa waliif tumsina" jedhanii ololuun’lleeen olola bira hin dabru; Ummata keenyaaf furmaata fiduu hin dandayu. Akkuma makmaaksi Oromoo jedhu, " Namni imaltuu waliin hin deemne harree waliin hin fe’atu".

'We cannot solve problems by using the same kind of thinking we used when we created them.' Albert Einstein.

Qabsoon Oromoo kan ammaan booda tahuu qabu milkiilee hanga ammaa dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin arkaman iggitii itti godhee, sirna kiyyoo Habashaa hiddaan buqqisee, abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf fuul-duratti tarkaanfachuurratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba malee, ilaalchuma gadaa dabare rakkoo uumeen, akka fincaan gaalaa of-duuba deemuu ta’uu hin qabu.

Haalli amma Kaabaa Afrikaatii fii biyyoota Jiddu-Gala Bahaa keeysatti uumamee fii tahaa jiru kun, mootummaa Mallas fonqolchuuf carraa baneeti jira. Haala uumame keeysatti ummanni Oromoo milkiin galuu qaba. Milkiin galuu kan dandayu humni Oromoo shaffisaan yoo tokkoome qofa. Oromiyaa irratti Abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuu kaayyoo teenya taasifannee, tokkummaa qabsaawoota Oromoo ittichuun, ummata keenya karaa tokko irratti fuulleysuun gurmooynee ka’uudha qabna. Ummata keenya karaa hundaan walitti harkifnee humneeysuun karaa filmaata biraa hin qabneedha. Yeroo ammaa tanatti, humnoota Habashaa waliin tumsa uummatuuf yaaluun, tokkummaa ummata Oromiyaa fi qabsaawota Oromoo diiguuf balbala bana. Kana qofa osoo hin tahin, kaayoo gootonni Oromoo irratti wareegaman faalleysa. Ummta Oromoo adda bittinneeysee hamilee cabsuun, kiyyoo jalatti daranuu akka jilbiibfatu taasisa. Sirni Kolonii akka waaru godha; kuniis galii qabsoo Oromiyaatii miti.

Karaan sirriin ummata Oromootiif tolu, Oromoon dura ifumaaf tokkummaa isaa jabeeffatee qabsoo biyya isaa (Oromiyaa) bilisummaan geeysu geggeeyfatuudha. Oromoon bakkuma fedheehuu jiraatu waliif diinaa miti. Garaa-garummaan yaadaa jiraatullee diina keenya biyya teenyarraa buqqifnee, garaa-garummaa teenya furatuu wanni nu dhoorkaa hin jiraatu.

Haalli qabsoo yeroo ammaa tana kaaba Afrikaatiin eegalee belbelaa jiru kun, humna ummataatiin mootummoota qawwee irkoo godhachaa as gayan rooraasee fonqolchaa jira. Haalli kun ummata guddaa akka keenyaatiif mooyxannoo fi hiree gaariini dhufe. Tanarratti ummanni Oromoo tokkummaan tooftaa isaa qindeeyfatee gita shororkeeysituu woyyaanee ifirraa buqqissuu akka dandayu mamiin hin jirtu.

Barbaachisummaa humna teenyaa hubannee shaffisaan gara tokkotti deebinee hiree tana dhaqqabatuun dirqama seenaan ilmaan oromiyaa hundarra kaaye akka tahe hubachuu qabna. Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) kaayoo tanarratti miseensota isaa, dhaaboota bilisummaa Oromoof dhaabatan waliin gara tokkichatti waliin hiriirree, ummata keenyaas karaa kanarratti hiriirsuuf akeekkatee hojjachaa jira. Haala aanjessuufiis, hatattamaan dhaabota bilisummaa Oromoof dhaabbatan hundaan marihachaa jira. Miseensonni fii ummanni bal’aan Oromoo dirqama seenaa kan irra jirru hubatee, miilarrati akka eeggatu hubachiisaa, hayyoonni Oromoo hundi ogummaa fi beekumsa qabdan hundaan yoomiyyuu daran ummata keenyaaf akka dirmattan yaamicha isiniif goona.

Hundeen qabsoo sabaa ummata bal’aa Oromiyaa keeysaa tahuun ar’a yoomirraahuu ifatti arkamaati jira. Kanaaf, ummanni keenya kan waanjoo gabrummaatiin jalatti qabamee jiru, harqoota kana ifirraa buqqisuufiis tahe dirmachuuf, iyyatuun akka isaanirra jiru hubattanii lafaa ka’uun isinirraa eeggama. Kan gabroome, kan qabsaawuu qabuu fii, boodaas, kan bilisummaa dhandhamu ummata bal’aa biyya jiru. Kan gabroome, kan qabsaawuu qabuu fii, boodaas, kan bilisummaa dhandhamu ummata bal’aa biyya jiru. Tanaaf, abbaan qabsoo isin tahuu hubatuun itti if qopheeysaadha jenna.

Ilmaan Oromoo kanneen xurreen itti dhiphattee humna shorokeeysituu alagaa jalatti mataa gadi-qabattanii jiraatan, haalli aanjawaan kun ummata Oromoo bira akka hin dabarre waliin kaanee diina ummata keenya isinillee dabalatee, namummaa dhoorkaa jiru kana yeroon itti hiddaan buqqifnu amma.

Oromoonni biyya ambaa jirtan, qoodni qabsoof kennuu maltan salphaa miti. Akkuma beekkamuttuu, mootummooleen abbaa-irree goftoolee alaa irraa gargaarsa horii, humna waraanaa, tooftaa fii gorsa arkataniini jiraatan. Amma ammoo, haalli qunnamtii ammayyaa kan finciloota milkeeysaa jiru kuni dhalannaan, gooftoleen isaanii kanneen dheengee areeraa itti qabuudhaan ummata bal’aa biyyootaa irratti tursiisaa turan, gocha isaaniirraa sheenawaa jiru. Oromoonni biyya ambaa keeysa jirtan haala kana warra alagaatiifii ummata keenyaafillee ibsuudhaan qooda qabsoo mul’ataa, kan isinirraa eeggamu gumaachuuf haalli aanjawaan ammarraa hin jiru; kanaaf, akka irraa qooda fudhattan waamicha obbolummaa isiniif goona. THBOn haala qindeeysee Oromoon afaan tokkoon rakkoo isaa himatuu akka dandayu gochuuf isin waliin jira. Isiniis, akka owwaattan ni amanna.

Tokkummaan Humna!

Oromiyaan ni bilisoomti!